Qo'annoon jiru akka ibsutti Oromoon ganna kumaa ol Afrikaa Bahaa keessa akka jiraate amanama (Prouty at al, 1981). Akkaataan lafa, aadaa fi afaan isaa Oromoo Afrikaa keessa dabre immoo addunyaa keessatti akka beekamtu isa godheera. Gaanfa Afrikaa keessa Oromoon saba kushii dubbatu guddicha dha. Ummatni Oromoo kaabaan hanga Tigraay, kibbaan hanga Keeniyaa faffaca'ee argama. Ummatni Oromoo ummata afaan kushi dubbatu kan bahaa fi kaaba baha Afrikaa keessatti argaman keessaa tokko dha. Afaan dubbatamus Afaan Oromoo jedhama.Afaan oromoo afaan Hawusaafi Arabiiffaati anee sadarkaa sadaffaarraati argama. Har'a baayyini ummata Oromoo miliyoona 40 oli dha. Akka Qo'annoo bara 1994 (akka dhaha Giriigooriyaanitti) baay'nni ummata Oromoo dhibbantaa ummata Itoophiyaa 32.1% qabata. Sabni Oromoo saba Itoophiyaa keessatti baay'ina ummataan tokkoffaa irra jiru. Oromoon saba Afrikaa keessa jiraatu, kan Itoophiyaa keessaa fi haga xiqqoo immoo ummata Keeniyaa fi Somaaliyaa keessatti argamu dha. › ★ ★ ★ Download Seenaa Ummata Oromoo Pdf Free Software